Zabuurii Galataa 1Haalleluuyaa.Mana qulqullummaa isaa keessatti Allaah galateeffadhaa;shamaayʼuniiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. 2Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. 3Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; 4dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa. 5Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. 6Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.Haalleluuyaa.