Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 149 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Moʼannoo

1Haalleluuyaa.Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.

3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

4Rabbii Allaahan saba isaatti ni gammadaatii;warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.

5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.

6Galanni Allaaha afaan isaanii keessa haa jiraatu;goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;

7kunis sabootatti haaloo baʼuu finamoota adabuudhaaf;

8mootota isaanii foncaan,hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,

9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.Haalleluuyaa.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]