Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 149 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Moʼannoo

1Haalleluuyaa.Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.

3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

4Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.

5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.

6Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu;goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;

7kunis sabootatti haaloo baʼuu finamoota adabuudhaaf;

8mootota isaanii foncaan,hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,

9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.Haalleluuyaa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]