Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 150 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Galataa

1Haalleluuyaa.Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa;samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

2Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

3Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

4dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

5Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

6Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.Haalleluuyaa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]