Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Isaiah 12 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Galataa

1Ati gaafas akkana jetta:“Rabbii Allaah, ati natti aartee turte;aariin kees narraa deebiʼeera;na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.

2Dhugumaan Allaahan fayyina koo ti;ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.Rabbii Allaahan, Rabbii Allaahan mataan isaa,jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”

3Isin burqaa fayyinaa keessaagammachuudhaan bishaan waraabbattu.

4Isin bara sana keessa akkana jettu:“Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

5Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Rabbii Allaah faarfadhaa;wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.

6Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatiisagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]