Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Isaiah 12 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Galataa

1Ati gaafas akkana jetta:“Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte;aariin kees narraa deebiʼeera;na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.

2Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”

3Isin burqaa fayyinaa keessaagammachuudhaan bishaan waraabbattu.

4Isin bara sana keessa akkana jettu:“Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

5Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa;wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.

6Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatiisagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]