Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Isaiah 12 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faaruu Leellisaa

1Guyyaa san ati,«Ee, Mootii Waan Maraa,ati natti mufatteertaayyu;amma mufii teeti na irraa deebittee,waan na jajjabeessiteef si leellifadha!

2Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;ani isatti hin addadha;womaalle hin sodaadhu.Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.

3Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaabisaan hin woraabbattan» hin jetta.

4Yennaa san isin,«Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;maqaa isaalle waammadha'a!Gosa biyya adda addaa keessattihujii isaa beessisa'a;guddinna maqaa isaalle lallaba'a.

5Inni waan guddoo waan godheeffaaru'uun isa leellisa'a;waan inni godhellebiyya lafaa mara irratti beessisa'a.

6Ee kolbaa Xiyoonii,Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii,odduu teessan waan jiruuf,ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]