Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Job 25 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Bildaad

1Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:

2“Mootummaa fi sodaatamuun kan Allaaha ti;inni shamaayʼuniiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.

3Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?

4Yoos namni akkamitti fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?

5Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,

6namni raammoo foonii taʼe,ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]