Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 128 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Ol Baʼuu.

Eebba Qajeeltonni Argatan

1Warri Waaqayyoon sodaatan,kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

3Niitiin kee mana kee keessatti,akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

4Namni Waaqayyoon sodaatuakkasitti eebbifama.

5Bara jireenya keetii guutuu,Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu;atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.

6ijoollee ijoollee keetii ni argi;nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]