Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 127 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon.

Waaqa Amanachuu

1Waaqayyo mana ijaaruu baannaan,warri ijaaran akkasumaan dadhabu.Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan,warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.

2Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii,barii barraaqaan kaʼuun keessan,turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu;inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.

3Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

4Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

5Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]