Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 126 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa ol baʼuu.

Faarfannaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii

1Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,nu akka warra abjuu abjootanii taane.

2Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoofaarfannaa gammachuutiin guutame.Kana irratti saboota gidduutti,“Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.

3Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe;nus ni gammanne.

4Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb,boojuu keenya nuu deebisi.

5Warri imimmaaniin facaasan,faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.

6Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]