Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 125 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa ol baʼuu.

Waaqayyo Amanamtoota Isaa Ni eega

1Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoonkan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.

2Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti,saba isaa ni marsa.

3Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuufharka isaanii ol hin diriirfanneef,bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaafixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.

4Yaa Waaqayyo, warra gaariif,warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.

5Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]