Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 124 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

Fayyisaa Israaʼel

1Israaʼel akkana haa jedhu:Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,

2utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,yommuu namoonni nutti kaʼanitti,

3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;

4lolaan nu liqimseedhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;

5bishaan hamaannu fudhatee bada ture.

6Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuufdabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.

7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,nu isaan jalaa baaneerra;kiyyoon ni ciccite;nus jalaa baane.

8Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,Uumaa samii fi lafa sanaa ti.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]