Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 128 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,ka karaa isaa ideemu ka gammade.

2Waan harka keetiin elootteedhaggatte hin nyaatta;ati hin gammadda; hin milkoottalle'e.

3Niitiin teeti mana keeti keessatti,akka muka woyni'iika midhaan buusuu hin teeti;ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,akka lattuu muka ejersaa hin teeti.

4Nami Mootii Waan Maraa sodaatuakkana hin eebbifama.

5Mootiin Waan Maraagaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti;bara jiruu teetii mara,qananummaa Yerusaalemii dhaggi.

6Ijoollee ijoollee teetii dhaggi;Nageenni Israa'eliif te'uu ti.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]