Side by side with the Father's Heart Bible™ Zabuurii Ol Baʼuu.
Eebba Qajeeltonni Argatan
1Warri Rabbii Allaah sodaatan,kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
3Niitiin kee mana kee keessatti,akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
4Namni Rabbii Allaah sodaatuakkasitti eebbifama.
5Bara jireenya keetii guutuu,Rabbii Allaahan Xiyoon irraa si haa eebbisu;atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
6ijoollee ijoollee keetii ni argi;nagaan Israaʼeliif haa taʼu.