Side by side with the Father's Heart Bible™ Zabuurii ol baʼuu.
Duʼaa Diinota Xiyooniin Mormuuf Kadhatame
1Israaʼel akkana haa jedhu;“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;garuu na hin moʼanne.
3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;boʼoo isaaniis ni dheeressan.
4Rabbii Allaahan garuu qajeelaa dha;funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
5Warri Xiyoonin jibban hundinuu,qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
6Isaan akka marga bantii manaa irraakan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
8Warri achiin darban, “Eebbi Rabbii Allaah isiniif haa taʼu;maqaa Rabbii Allaahatiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.