Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 130 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii ol baʼuu.

Waamicha Gargaarsaaf Dhiʼaate

1Rabbii Allaah, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;

2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.Gurri kees sagalee waammata kooxiyyeeffatee haa dhagaʼu.

3Rabbii Allaah, utuu ati cubbuu lakkooftee,yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

4Garuu dhiifamni si bira jira;kanaaf ati ni sodaatamta.

5Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;dubbii isaas nan abdadha.

6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaalubbuun koo Gooftaa eeggatti.

7Yaa Israaʼel, ati Rabbii Allaah abdadhu;Rabbii Allaah bira jaalalli dhuma hin qabne,furiin guutuunis ni jiraatii.

8Inni mataan isaa cubbuu isaaniihundumaa irraa Israaʼelin ni fura.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]