Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 130 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa ol baʼuu.

Waamicha Gargaarsaaf Dhiʼaate

1Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;

2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.Gurri kees sagalee waammata kooxiyyeeffatee haa dhagaʼu.

3Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee,yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

4Garuu dhiifamni si bira jira;kanaaf ati ni sodaatamta.

5Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;dubbii isaas nan abdadha.

6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaalubbuun koo Gooftaa eeggatti.

7Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu;Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne,furiin guutuunis ni jiraatii.

8Inni mataan isaa cubbuu isaaniihundumaa irraa Israaʼelin ni fura.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]