Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 130 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Ee Mootii Waan Maan Maraa,ani qilee keessaa gara keeti iyya;

2Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i!Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.

3Ee Mootii Waan Maraa,ati adoo yakkaa namatti laakkottee,ee Gootta'a silaa eennuttisi dura dhaabbatuu dande'a?

4Ammoo akka nuuti si sodaannuuf,ati nu'uuf araaranta.

5Ani Mootii Waan Maraa eegadha;Lubbuun tiyyalle hin eegatti;addi'iin jecha isaa eegadha.

6Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,lubbuun tiyya Goottaa eegatti.

7Jaalalli bara baraaMootii Waan Maraa bira waan jiruuf,wodiisaaf hunni guddoolleisa bira waan jirtuuf,ee Israa'el, Mootii Waan Maraatittiaddii godhadhu.

8Inni yakkaa isi'ii mara irraaIsraa'el hin woda.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]