Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 131 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

Allaah Amanachuu

1Rabbii Allaah, garaan koo of hin jaju;iji koos of hin tuulu;ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.

2Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras;akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana,akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.

3Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf,Rabbii Allaah abdadhu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]