Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 132 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii ol baʼuu.

Zabuurii Deebifamuu Taabotaa

1Rabbii Allaah, Daawudii firakkina inni obse hundumaa yaadadhu.

2Inni kakuu tokko Rabbii Allaahaf kakateeAllaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:

3“Ani mana koo ol hin seenu;yookaan siree kootti ol hin baʼu.

4Ani ija kootiif hirriba,baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;

5kunis hamma ani Rabbii Allaahaf iddoo argutti,Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”

6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;Yaaʼaarittis isa arganne:

7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.

8‘Rabbii Allaah kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.

9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”

10Sababii garbicha kee Daawudiif jedhiitii,dibamaa kee hin gatin.

11Rabbii Allaahan akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawudiif kakateera;inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;

12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”

13Rabbii Allaahan Xiyoonin filateeraatii;akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:

14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.

15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.

16Luboota isheetti fayyina nan uffisa;qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.

17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawudiif biqilu nan godha;dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.

18Diinota isaatti qaanii nan uffisa;gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]