Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 132 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa ol baʼuu.

Faarfannaa Deebifamuu Taabotaa

1Yaa Waaqayyo, Daawitii firakkina inni obse hundumaa yaadadhu.

2Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakateeWaaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:

3“Ani mana koo ol hin seenu;yookaan siree kootti ol hin baʼu.

4Ani ija kootiif hirriba,baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;

5kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”

6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;Yaaʼaarittis isa arganne:

7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.

8‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.

9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”

10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,dibamaa kee hin gatin.

11Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;

12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”

13Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:

14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.

15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.

16Luboota isheetti fayyina nan uffisa;qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.

17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.

18Diinota isaatti qaanii nan uffisa;gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]