Side by side with the Father's Heart Bible™ Zabuurii Daawud.
Tiksee Gaarii
1Rabbii Allaahan tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
2Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
3inni lubbuu natti deebisa.Maqaa isaatiif jedheeskaraa qajeelaa irra na deemsisa.
4Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illeeati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
5Ati utuma diinonni koo ilaalanuufuula koo duratti maaddii naa qopheessita.Mataa koo zayitii dibda;xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
6Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;anis bara baraan, mana Rabbii Allaah keessa nan jiraadha.