Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 142 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Maaskiilii Daawud

Duʼaa Nama Ariʼatamaa Jiru Tokkoo

1Ani gara Rabbii Allaahatti nan iyya;sagalee kootiinis fuula Rabbii Allaah duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.

2Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.

3Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,situ karaa koo beeka.Namoonni daandii ani deemu irra,kiyyoo naa kaaʼaniiru.

4Gara mirga koo ilaali; argis;namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.

5Rabbii Allaah, sitti nan iyyadha;“Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.

6Ani abdii kutadheeraatii,duʼaa koo naa dhagaʼi;warra na ariʼatan jalaa na baasi;isaan akka malee natti cimaniiruutii.

7Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.Sababii ati waan gaarii naa gooteef,qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]