Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 141 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Daawud.

Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamneef Duʼaa gochuu

1Rabbii Allaah, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.

2Duʼaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

3Rabbii Allaah, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;balbala afaan kootiis naa eegi.

4Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

5Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.Mataan koo waan kana hin didu.Taʼus duʼaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

6Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.

7Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.

8Rabbii Allaah Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.

9Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.

10Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;ani garuu nagumaan nan baʼa.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]