Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 141 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Daawit.

Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamne Waaqa Kadhachuu

1Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.

2Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

3Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;balbala afaan kootiis naa eegi.

4Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

5Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.Mataan koo waan kana hin didu.Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

6Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.

7Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.

8Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.

9Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.

10Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;ani garuu nagumaan nan baʼa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]