Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 140 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

Kadhannaa Hamoota Irratti Dhiʼaate

1Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi;namoota finciltoota

2warra garaa isaanii keessatti hammina yaadaniiguyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.

3Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.

4Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi;namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.

5Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.

6Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha.Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.

7Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.

8Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.

9Mataan warra na marsanii,hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.

10Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;isaan ibiddatti illee haa darbataman;akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.

11Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.

12Waaqayyo rakkattootaaf falmeehiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.

13Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]