Side by side with the Father's Heart Bible™ Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata.
1Ani qoonqoo ol qabadhee,gara Mootii Waan Maraa iyya;marartii dhaggatiisaafMootii Waan Maraa gaafadha.
2Komii tiyya maraisa duratti dhangalaasa;rakkinna kiyyalleisa duratti himadha.
3Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,gara ani ideemaaru ati hin beetta.Daandii ani irra ideemu keessa,isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.
4Adaala kiyya ilaalii dhaggi;nami naaf yaadatu hin jiru;addeen ani itti baqadhu hin jirtu;nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.
5Ee Mootii Waan Maraa,ani gara keeti iyya;ani, «Ati ka ani itti baqadhu;lafa worra jiraata'aa tana keessattiati qooda kiyya» jedha.
6Ani waan qarqaarsa hin qanneef,iyya tiyya naaf caqasi;worri na miidhuguddoo waan natti jabaataneef,ati isaan jalaa na baasi.
7Maqaa keeti akka leellifadhu,hidhaa keessaa na baasi.Ati waan dansaa waan naa gooteef,worri balchaan na hin marsan.