Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 143 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Daawud.

Gad of qabanii Duʼaa godhachuu

1Rabbii Allaah, duʼaa koo naa dhagaʼi;gurra kees gara waammata kootiitti deebisi;amanamummaa fiqajeelummaa keetiin, na gargaari.

2Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin;namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.

3Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii;jireenya koos butuchee biyyootti make.Akkuma warra dur duʼaniittisdukkana keessa na jiraachiseera.

4Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera;onneen koos na keessatti rifatteerti.

5Ani guyyoota durii nan yaadadha;waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;waan harki kee hojjete illee nan heda.

6Harka koo gara keetti nan diriirfadha;lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

7Rabbii Allaah, dafii deebii naa kenni;hafuurri koo dadhabeera.Fuula kee na duraa hin dhoksinyookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

8Ani waanan si amanadheef,akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

9Rabbii Allaah, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii,diinota koo jalaa na baasi.

10Ati sababii Allaah koo taateef,akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;hafuurri kee gaariin sunkaraa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

11Rabbii Allaah, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.

12Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi;waan ani garbicha kee taʼeef,warra na cunqursan hunda barbadeessi.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]