Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 6 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Baganaadhaan faarfatamu. Zabuurii Daawud kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

Duʼaa Yeroo Dhiphinaa

1Rabbii Allaah aarii keetiin na hin ifatin;yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.

2Naa gameeraatii yaa Rabbii Allaah naaf araarami;lafeen koos jeeqameeraatii yaa Rabbii Allaah na fayyisi.

3Lubbuun koo akka malee jeeqameera;kun hamma yoomiitti? Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?

4Rabbii Allaah, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;araara keetiif jedhiitii na fayyisi.

5Namni duʼe si hin yaadatu.Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?

6Ani aaduu kootiin bututeera.Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.

7Iji koo gaddaan fajajeera;sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.

8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;Rabbii Allaahan sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.

9Rabbii Allaahan waammata koo dhagaʼeera;Rabbii Allaahan duʼaa koo ni fudhata.

10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]