Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 5 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Daawudii kan ululleedhaan faarfatamu.

Duʼaa Ganamaa

1Rabbii Allaah, gurra kee dubbii kootti qabi;aaduu koo illee naa hubadhu.

2Yaa mootii koo fi Allaah ko,iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;ani fuula kee duratti duʼaa godhadhaatii.

3Rabbii Allaah, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;abdiidhaanis nan eeggadha.

4Ati Allaah hamminatti gammadu miti;hamaanis si wajjin hin jiraatu.

5Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;

6Ati warra soba dubbatan ni balleessita.Rabbii Allaahan warra dhiiga dheebotanii fiwarra nama gowwoomsan ni xireeffata.

7Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;si sodaachuudhaanis gad jedheegara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.

8Rabbii Allaah, sababii diinota kootiif jedhiitiiqajeelummaa keetiin na dura buʼi;karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.

9Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;garaan isaanii badiisaan guutameera.Laagaan isaanii qabrii banamaa dha;arraba isaaniitiin ni sobu.

10Yaa Allaah, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!Daba isaaniitiinis haa kufan.Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;isaan sitti fincilaniiruutii.

11Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniifati eegumsa kee isaan irra diriirsi.

12Rabbii Allaah, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]