Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 5 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu.

Kadhannaa Ganamaa

1Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi;aaduu koo illee naa hubadhu.

2Yaa mootii koo fi Waaqa ko,iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;ani sin kadhadhaatii.

3Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;abdiidhaanis nan eeggadha.

4Ati Waaqa hamminatti gammadu miti;hamaanis si wajjin hin jiraatu.

5Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;

6Ati warra soba dubbatan ni balleessita.Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fiwarra nama gowwoomsan ni xireeffata.

7Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;si sodaachuudhaanis gad jedheegara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.

8Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitiiqajeelummaa keetiin na dura buʼi;karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.

9Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;garaan isaanii badiisaan guutameera.Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;arraba isaaniitiin ni sobu.

10Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!Daba isaaniitiinis haa kufan.Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;isaan sitti fincilaniiruutii.

11Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniifati eegumsa kee isaan irra diriirsi.

12Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]