Side by side with the Father's Heart Bible™ Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
Kadhannaa Yeroo Dhiphinaa
1Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin;yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami;lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
3Lubbuun koo akka malee jeeqameera;kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
4Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
5Namni duʼe si hin yaadatu.Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?
6Ani aaduu kootiin bututeera.Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
7Iji koo gaddaan fajajeera;sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
9Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera;Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.