Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 6 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;yookiin mufi'iin na hin adabin.

2Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef,naaf marari;Ee Mootii Waan Maraa,lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteefna fayyisi.

3Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti.Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf,ati haga yoomii turta?

4Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi;jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.

5Nami du'ee si qaabatu hin jiru;boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?

6Ani aadiisaan dadhabeera;halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee,imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.

7Akka malee waan gaddeefilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;sababa diinota kiyya maraatiifilti tiyya caararrootteerti.

8Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef,isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.

9Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera;inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.

10Diinoti kiyya marti hin qaanowan;guddoo hin sodaatanille'e;dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]