Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 12 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

Duʼaa Gargaarsa Barbaachaaf Kadhatame

1Rabbii Allaah, namni Allaah sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.

2Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.

3Rabbii Allaahan afaan nama saadu hunda,arraba of tuulu hundas haa kukkutu;

4isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona;hidhiin keenyas keenyuma;eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.

5Rabbii Allaahan, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.

6Dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfameeyeroo torba qulqulleeffamee ti.

7Rabbii Allaah ati nu eegda;dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.

8Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamuttihamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]