Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 11 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Allaah Amanachuu

1Ani Rabbii Allaahatti kooluu galeera.Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.

2Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;isaan warra toloota taʼan,dukkana keessa waraanuuf jedhanii,xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.

3Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaanmaal gochuu dandaʼa?”

4Rabbii Allaahan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;teessoon Rabbii Allaah shamaayʼun irra jira.Inni ilmaan namootaa ni ilaala;iji isaas namoota ni qora.

5Rabbii Allaahan qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.

6Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fidinyii bobaʼu ni roobsa;qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.

7Rabbii Allaahan waan qajeelaa taʼeef,murtii qajeelaa jaallata;toloonnis fuula isaa ni argu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]