Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 13 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Iyyata Nama Allaah Amanatee

1Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?

2Ani hamma yoomiittin rakkina obseeguyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?

3Yaa Rabbii Allaah ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;

4diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.

5Ani garuu araara kee nan amanadha;garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.

6Ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]