Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 14 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Namoota Allaahaf Hin Bulle

1Gowwaan garaa isaatti,“Allaahan hin jiru” jedha.Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

2Rabbii Allaahan yoo namni waa hubatu,kan Allaahas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;tokkumti iyyuu hin jiru.

4Warri hammina hojjetankanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,warri Rabbii Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;Allaahan dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.

6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;Rabbii Allaahan garuu daʼoo isaanii ti.

7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!Yommuu Rabbii Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]