Side by side with the Father's Heart Bible™ Karaa Lamaan
1Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
2Garuu inni seera Rabbii Allaahatti gammada;seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
3Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabameeyeroo isaatti ija isaa kennu,kan baalli isaas hin coollagnee ti;wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
4Hamoonni garuu akkana miti;isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
5Kanaafuu hamoonni murtii dura,yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
6Rabbii Allaahan karaa qajeeltotaa ni beekaatii;karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.