Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 2 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Mooticha Allaahan Dibee Moosise

1Namoonni maaliif akkanumaan malatu?Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?

2Mootonni lafaa kaʼanii,bulchitoonnis Rabbii Allaah fi Al-Masiihii isaatiin mormuufwalitti qabaman;

3isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa;hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.

4Inni shamaayʼun keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa;Gooftaanis isaanitti qoosa.

5Innis aarii isaatiin isaan ifata;dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;

6innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra,mootii koo teessifadheera” jedha.

7Ani seera Rabbii Allaah nan labsa:innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti;ani harʼa si dhalcheera.

8Na kadhadhu;ani saboota dhaala kee,handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.

9Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita;akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”

10Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa;bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.

11Sodaadhaan Rabbii Allaah tajaajilaa;hollachaas gammadaa.

12Akka inni hin aarreef,isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa;dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii.Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]