Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 2 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Mooticha Waaqni Dibee Moosise

1Namoonni maaliif akkanumaan malatu?Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?

2Mootonni lafaa kaʼanii,bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuufwalitti qabaman;

3isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa;hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.

4Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa;Gooftaanis isaanitti qoosa.

5Innis aarii isaatiin isaan ifata;dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;

6innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra,mootii koo teessifadheera” jedha.

7Ani seera Waaqayyoo nan labsa:innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti;ani harʼa si dhalcheera.

8Na kadhadhu;ani saboota dhaala kee,handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.

9Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita;akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”

10Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa;bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.

11Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa;hollachaas gammadaa.

12Akka inni hin aarreef,isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa;dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii.Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]