Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 3 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.

Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiruu

1Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu!Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!

2Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhaniiwaaʼee koo dubbatu.

3Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.

4Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha;innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.

5Ani nan ciisa; nan rafas;waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.

6Saba kumaatama qixa hundaankaʼee na marse ani hin sodaadhu.

7Yaa Waaqayyo kaʼi!Yaa Waaqa koo na baraari!Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;ilkaan hamootaa illee caccabsi.

8Fayyinni kan Waaqayyoo ti.Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]