Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 1 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Karaa Lama

1Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne,ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne,ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,ka gammade.

2Nami akkasii ammooseera Mootii Waan Maraatiin gammada;halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.

3Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee,yennaa yenna'aan midhaan buusuu,ka baalli isaa hin qoorree ti.Wonni inni huju marti isaaf hin teeti.

4Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti;isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti.

5Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu;cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessattihin dhaggamanu.

6Tanaaf, Mootiin Waan Maraakaraa balchootaa hin beeka;karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]