Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 8 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan Gitiitiidhaan faarfatamu.

Ulfina Allaaha

1Rabbii Allaah Gooftaa keenya,maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!Ati ulfina keeshamaayʼuniiwwan irratti diriirsiteerta.

2Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatuafaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fimucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.

3Yommuu ani hojii quba keetii,shamaayʼuniiwwan kee,jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,

4akka ati isaaf yaadduuf namni maali?Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

5Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.

6Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote;waan hundas miilla isaa jala galchite;

7bushaayee fi loon hunda,bineensota bosonaas,

8simbirroota shamaayʼun irraa, qurxummii galaanaa,waan daandii galaanaatiin darbuhundas miilla isaa jala galchite.

9Rabbii Allaah Gooftaa keenya,maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]