Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 8 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu.

Ulfina Waaqayyoo

1Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!Ati ulfina keesamiiwwan irratti diriirsiteerta.

2Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatuafaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fimucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.

3Yommuu ani hojii quba keetii,samiiwwan kee,jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,

4akka ati isaaf yaadduuf namni maali?Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

5Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.

6Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote;waan hundas miilla isaa jala galchite;

7bushaayee fi loon hunda,bineensota bosonaas,

8simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa,waan daandii galaanaatiin darbuhundas miilla isaa jala galchite.

9Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]