Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 9 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit.

Murtii Waaqayyoo

1Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

2Ani sittin gammada; nan ililchas;yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

3Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.

4Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.

5Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.

6Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;seenaan isaaniis barbadeeffameera.

7Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa;teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.

8Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.

9Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

10Warri maqaa kee beekan si amanatu;yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

11Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.

12Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.

13Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;

14kunis ani karra Intala Xiyoon irrattiakka galata kee labsuu fi fayyisuu keettisbaayʼisee gammaduuf.

15Saboonni boolla qotan keessa buʼan;miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.

16Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.

17Namoonni hamoon,warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.

18Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

19Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;fuula kee duratti sabootatti haa muramu.

20Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi;saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]