Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 9 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Zabuurii Daawud.

Murtii Allaaha

1Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

2Ani sittin gammada; nan ililchas;yaa Allaah Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

3Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.

4Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.

5Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.

6Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;seenaan isaaniis barbadeeffameera.

7Rabbii Allaahan garuu bara baraan ni moʼa;teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.

8Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.

9Rabbii Allaahan warra cunqurfamaniif irkoo dha;yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

10Warri maqaa kee beekan si amanatu;yaa Rabbii Allaah, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

11Rabbii Allaah isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.

12Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.

13Rabbii Allaah, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;

14kunis ani karra Intala Xiyoon irrattiakka galata kee labsuu fi fayyisuu keettisbaayʼisee gammaduuf.

15Saboonni boolla qotan keessa buʼan;miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.

16Rabbii Allaahan murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.

17Namoonni hamoon,warri Allaah irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.

18Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

19Rabbii Allaah kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;fuula kee duratti sabootatti haa muramu.

20Rabbii Allaah, sodaa isaanitti buusi;saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]