Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 137 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Boojiʼamtootaa

1Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti,lageen Baabilon bira teenyee boonye.

2Achittis kiraara keenyamuka alaltuutti fannifne;

3achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis,“Zabuuriiwwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!”jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.

4Nu utuu biyya ormaa jirruu,akkamitti faarfannaa Rabbii Allaah faarfachuu dandeenya?

5Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe,harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.

6Yoo ani si yaadachuu baadhe,yoo ani gammachuu koo guddichaa olittiYerusaalemin ilaaluu baadhe,arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.

7Rabbii Allaah, waan warri Edoomgaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu;isaanis, “Ishee diigaa!Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.

8Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte,inni waan ati nu goote sanaaf,gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.

9Inni daaʼimman kee qabeedhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]