Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 137 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Boojiʼamtootaa

1Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti,lageen Baabilon bira teenyee boonye.

2Achittis kiraara keenyamuka alaltuutti fannifne;

3achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis,“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!”jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.

4Nu utuu biyya ormaa jirruu,akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?

5Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe,harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.

6Yoo ani si yaadachuu baadhe,yoo ani gammachuu koo guddichaa olittiYerusaalemin ilaaluu baadhe,arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.

7Yaa Waaqayyo, waan warri Edoomgaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu;isaanis, “Ishee diigaa!Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.

8Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte,inni waan ati nu goote sanaaf,gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.

9Inni daaʼimman kee qabeedhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]