Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 137 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Gadda Israa'elootaa Ka Boojuu Keessaa

1Nuuti laga Baabilonii bira teennee,yennaa Xiyoon qaabanne boonne.

2Muka olaati'ii irrattikiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.

3Worri booji'ee nu farrisiisu,achitti faaruu isaan gammachiittuakka faarsinu nu gaafatanee,«Faaruu marroo Xiyoonii keessaatakkattii faarsa'a» jedhane.

4Lafa ormaa keessatti,nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraafaarsuu dandeenna ree?

5Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe,harki kiyya middichiogummaa ifii dedhuu ti.

6Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin,waan itti gammadu marayoo si hin caalchisin,arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.

7Ee Mootii Waan Maraa,guyyaa Yerusaalem diigante,worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a!Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!»attam akka isaan jedhane qaabadhu.

8Ee Baabilonii diigantu!Waan ati nu irratti goote,ka deebisee si irratti godhu ka gammade.

9Ka daa'immaan teeti qabee,rassaa irratti macalaasu ka gammade.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]